Doktar Abiy Ahimad Warshaa daabboo fi daakuu Walaayittaa eebbisuun hojii jalqabsiisaan - ENA Afaan Oromoo
Doktar Abiy Ahimad Warshaa daabboo fi daakuu Walaayittaa eebbisuun hojii jalqabsiisaan

Mudde, 14/2015(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Warshaa daabboo fi daakuu Walaayittaa eebbisuun hojii jalqabsiisaan.
Doktar Abiy Ahimad ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin ''har'a Giifti duree Zinnaash Taayyaachoo waliin ta'uun Warshaa daabboo fi daakuu Walaayittaa eebbisuun hojii jalqabsiisineerra'' jedhaniiru.
“Warshaan kun hojiiwwan Waajjirri Giifti duree harka qalleeyyiirratti xiyeeffatee hojjetu keessaas tokkodha jedhaniiru.

Hojiin kun hojii Itoophiyaafi Qaxanicha kuusaa daabbo taasisuuf kaayyeffatedha jedhaniiru.
Warshichi magaalaa Walaayittaa Sooddootti kan ijaarame yoo ta'u Daabboo fi Daakuu oomisha.
Waajjirri giifti Duree magaalota 11’tti warshaalee daabboofi daakuu dandeettii walfakkaataa qaban ijaaruuf Meedirook Invastimanti Giruuppii waliin erga mallatteessee warshaan 2ffaan ijaaraame har’a Magaalaa Walaayittaa Sooddootti eebbifameera.