Manni Marichaa muudama miseensoota Boordii bulchiinsa Tajaajila Oduu Itoophiyaa haaraa mirkaneesse - ENA Afaan Oromoo
Manni Marichaa muudama miseensoota Boordii bulchiinsa Tajaajila Oduu Itoophiyaa haaraa mirkaneesse

Mudde, 13/2015(TOI) - Manni Maree Bakka Bu'ootaa Uummataa muudama miseensoota Boordii bulchiinsa Tajaajila Oduu Itoophiyaa haaraa mirkaneesse.
Manni marichaa kaadhimatootaa miseensa boordichaa akka ta'aaniif Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad dhiheessaan ilaaluun erga irratti mariyateen booda muudama isaanii mirkaneessera.
Haaluma kanaan,
1. Doktar Biqilaa Hurrisaa - walitti qabaa
2. Obbo Mahaammad Raafii - Miseensa
3. Obbo Muusa Ahimad - Miseensa
4. Aadde Miliyoon Tarrafaa - Miseensa
5. Aadde Huriyaa Alii - Miseensa
6. Gargaaraa Pirofesaraa Nabiyyuu Baayyee - Miseensa taasisuun sagalee caalmaan miseensoota Boordii Tajaajila Oduu Itoophiyaa ta'anii muudamaniiru.
Miseensoonni muudaman kunis Mana marichaatti dhihaachuun sirna kakuu raawwataniiru.