Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa mana kitaabaa 'Abirootif' kitaaboota kuma 3 fi 500 ol kenne.

125

Mudde, 12/2015(TOI) - Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa mana kitaabaa 'Abirootif' kitaaboota kuma 3 fi 500 ol kennuu beeksise.

Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa doktar Abrihaam Balaay daarektara olaana mana Kitaabaa Abiroot Hubaayyoo Maammootti kitaabolee kanneen kennaniiru.

Kitaaboleen ministeerichi mana kitaabichaaf kenne kun gatiin isaanii birrii miliyoona tokko olitti kan tilmaamamuufi hojii baruufi barsiisuuf kan tajaajila kan qabiyyee adda addaa qabanidha jedhameera.

Kitaabonni kun Raayyaa Ittisa Biyyaatti qajeelcha fayyaa, Koollejii Waar Raayyaa Ittisa Biyyaa, Yuunivarsiitii Raayyaa Ittisa Biyyaafi kaka'umsa ofii isaaniin ministeericharra dhuunfaan warra kitaaba gomaachan irraa kan argamedha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015