Malaan Maltummaa ittisuuf hirmaannaa lammilee hundaa barbaachisa

121

Mudde, 11/2015(TOI) - Malaan Maltummaa ittisuuf hirmaannaa lammilee hundaa kan barbaachisu ta'uu Komishiiniin Naamusaa fi Farra malaan maltummaa Federaalaa beeksise.

Gochaa malaan maltummaa dhaabbilee tajaajila laatan keessatti taasifamaa jiru ittisuuf hirmaannaa lammilee hundaa kan barbaachisu ta'uu Komishiinichi eereera.

Rakkoo malaan maltummaa fi kanneen biroo ittisuuf lammileen deeggarsa barbaachisu akka taasisan komishinichi waamicha dhiheeseera.

Qorannoon Komishiiniin Naamusaafi Farra malaan maltummaa Federaalaa akka muli'isutti yakki malaan maltummaa dhaabbile tajaajila kenneen keessatti cimaa ta'uu isaan uummata mufii keessa galchaa jira.

Komishinichatti hoji raawwachiisaan olaanaa obbo Tasfaayee Shaameboo TOItti akka himanitti Qorannoo komishinichi bara 2014 taasiseen dhaabbileen mootummaa tajaajila hawaasaaf kennan keessaatti bifa qindaa'aan yakki malaan maltummaa raawwatamaa waan jiruuf hawaasa rakkoo hamaaf saaxileera.

Dhaabbilee komishiinichi qorannoo irratti geggeessee keessaas dhaabbilee mootummaa, Dhaabbilee misoomaafi dhaabbileen Miidiyaafaadha ta'uu eeraniiru.

Pirojeektoota misoomaa bajata mootummaan hojjetaman irrattis qorannoon kan geggeeffame yoo ta'u bifa gurmaa'een yakki malaan maltummaa irratti raawwatamaa jiraachuu hubatameera jedhaniiru.

Gama Mootummaan tarkaanfiin jabaan fudhatamuu eegaluu obbo Tasfaayee Shaameboo himaniiru.

Lammileen tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiru deeggaruun gaheesaa akka bahu gaafataniiru.

Mootummaan ijaarsa sadarkaan jiru sakata'uufi adeemsawwan haaraa diriirsuun kanneen yakka malaan maltummaa keessatti hirmataniifi qooda fudhatootarratti tarkaanfii seeraa fudhachaa jirachuu himaniiru.

Kanneen yakka kana keessatti hirmaachuu isaaniin shakkaman to'annoo seeraa jala oolfamuun qorannoon irratti taasifamaa jiraachuus himaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015