Baankiin Daldala Itiyoophiyaa proojektii Shaggar miidhagsuuf deeggarsa Birrii miliyoona 500 laate

72

Finfinnee Caamsaa 2/2011 Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa proojaktii Shaggar miidhagsuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 500 laate.

Proojaktichi magaalaa Finfinnee qulqulluu fi hawwattuu gochuun, jiraattota fayyadamoo taasisuu fi tuuriizimii babal'isuuf kan yaadameedha.

Boordiin daayreektaroota baankichaa deeggarsa Birrii miliyoona 500 laachuuf kan murteesse muummeen ministiraa Dooktor Abiyyi Ahimad uummata Itiyoophiyaa, abbootii qabeenyaa fi dhaabbileedhaf waamicha dhiyeessaniin.  

Baankichi miidhaginaa fi misooma magaalichaatif deeggarsa walfakkaataa kan taasisu ta'uu beeksiseera.  

Gara fuula duraattis jiraattoota magaalaa Finfinnee wantoota fayyadaaniif Piroojaktii kana fakkaatuf deeggarsa akka taasisu hime jira.

Madda:- Baankiin Daldala Itiyoophiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015