Maqalee dabalatee magaalonni Tigraay hedduun tajaajila elektirikii argatan - ENA Afaan Oromoo
Maqalee dabalatee magaalonni Tigraay hedduun tajaajila elektirikii argatan
Mudde, 6/2015(TOI) - Waliigaltee nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti taasifame hordofee Maqalee dabalatee magaalonni naannoo Tigraay hedduun tajaajila elektirikii argatan.
Haaluma kanaan magaalaa Maqalee, Kuyihaa, Saamre, Hagara Salaam, Carcaraafi kanneen biroo tajaajila elektirikii argachuunsaanii himameera.
Akkasumas Wuqroo, Hawuzeen Atsibbii, Fireewayinii, Addigiraat, Bizaat, Zaalaanbassaa, Antiichoofi naannawaasaanii buufata Wuqiroofi Hawuzeenirraa tajaajila elektirikii fayyadamoo ta’uu eerameera.
Gama biroon magaaloonni Allaamaaxaafi Maayicoon tajaajila elektirikii adda citee turerra deebiin argataniiru.
Magaaloonni Shiree, Salaklaakaafi Indabbaagguunaan Buufata Elektirikii Shireerraa tajaajila argataniiru jedhame.
Sararri Shiree – Aksum ammoo suphaarra jiraachuu ibsameera.Magaaloonni Buufata Adwaarraa argatan Adwaa, Raamaa, Nabalat, Iddaaggaa Arbii, Iddaaggaa Hamusiif tajaajila elektirikii qaqqabsiisuuf hojiin suphaa hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Naannoo Tigraay, Amaaraafi Affaar sababa waraanaan tajaajila elektirikii dhaban irra deebiin fayyadamoo taasiisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa ibseera.