Oromiyaatti Bona kana keessa lafa heektaara kuma 675 irratti qamadii faca'eera.

129

Mudde 6/2015(TOI) - Naannoo Oromiyaatti bara kana lafa heektaara miiliyoona 1 misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti heektaara kuma 675 qamadii bonaan faca'uu, Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa himaniiru.

Pirezidaanit Shimallis karaa fuula tiwitara isaanii akka beeksisanitti, Itoophiyaan oomisha qamdii alaa galchitu oomisha biyya keessaan bakka buusuu bira darbitee, gabaa alaaf dhiyeessuuf hojii bu'a qabeessa hojjetaa jirti jedhan.

Karoora kana galmaan gahuuf qonnaan bultoonnii fi ogeeyyii qonnaa gahee olaanaa qabaachuu eeruun, hojiin eegalame cimee itti fufas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015