Warshaan guyyaatti Daabboo kuma 250 oomishu eebbifame

Mudde, 6/2015(TOI) - Finfinnee Kutaa magaalaa Litadataatti warshaan guyyaatti daabboo kuma 250 oomishuu danda'u eebbifame.

Warshaan kun akka ijaaramu Bulchiinsi magaalichaa lafa kan dhiheessee yoo ta'u dureettii Mahibuubaa Sayid jedhamtuun ijaarame.

Sirna eebbaa warshaa kanaarratti kan argaman Kantiibaan magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebee Warshaan daabboo kun rakkoo dhiheessii daabboo magaalichi qabu furuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Keessattuu lammilee harka qaleeyyii magaalichaaf daabboo gatii madaalawaan akka argataan waan taasisuuf rakkoo jiru baay'ee kan salphisudha jedhaniiru.

Warshaan kun lammilee hedduufis carraa hojii kan uume ta'uu himaniiru.

Warshaan kun guutummaan guutuutti hojii yeroo jalqabu guyyaatti Daabboo Miliyoona tokko oomishuu danda'a jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015