Godinicharraa dhamdhama addaa kan qabu Bunni Nansaboo tooniin 900 gabaa jiddugaleessaaf dhihaateera

94

Mudde, 5/2015(TOI) - Godina Arsii Lixaarraa dhamdhama addaa kan qabu Bunni Nansaboo tooniin 900 gabaa jiddugaleessaaf dhihaachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.


Waajjira Qonnaa Godinichaatti qindeessaan misoomafi kununsa Bunaa, Shaayeefi mi'eesituu obbo Tashoomaa Bulchaa TOItti akka himanitti Bunni Nansaboo dhamdhama addaa kan qabu ta'uu isaan dorgommii buna dhamdhama addaa qabu idil addunyaa bara 2012/13 injifachuu isaa yaadachiisaniiru.


Godinichatti aanaaleen 6 buna kan oomishan ta'uu himanii lafa heektaara kuma 44fi 493 irratti Bunni oomishamaa jira. Kana keessaa bunni lafa heekataara kuma 34 irratti oomishame yeroo ammaa oomisha kennaa jira jedhaniiru.


Gonichatti lafa heektaara kuma 44fi 493 keessaa heektaarri kuma 42 Buna Nansaboo ta'uus himaniiru.


Bara kana Buna toonii kuma 25 walitti qabuuf karoorfamee haga ammaatti hojii hojjetameen tooniin 10 walitti qabamuu himaniiru.


Godinichi Buna gabaa jiddugaleessaaf dhiheesuuf karoorfate keessaa Buna toonii 941 gabaa jiddugaleessaaf dhiheessuu himaniiru.


Oomisha bunaa dabaluuf ogeeyyiin Qonnaa oomishitoota bunaaf deeggarsa ogummaa barbaachisu taasisaa jiraachuus himaniin.


Qonnaan bultoonni buna oomishaan kana daldaltoonni seeraan alaa gatii gadaanaan akka irraa hin fudhanneef qaamolee dhimmi ilaalu waliin qindaa'uun hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015