Har'a galgala Kirooshiyaafi Arjanitiinaan ni taphatu

143

Mudde 4/2015(TOI) - Taphaa Waancaa Addunyaa 22ffaa Kaataaritti gaggeeffamaa jiruun har’a halkan sa’aatii 4:00 irratti Kirooshiyaafi Arjantiinaan ni taphatu.

Taphinni kun Istaadeemii daawwatootaa 80 qabachuu danda'u Lisaayilitti taphatama.

Arjantiinaan waancaa addunyaarratti yeroo 6ffaaf tapha xumuraaf ni geessii moo Kirooshiyaan walitti aansuun yeroo 2ffaaf waancaa addunyaarratti xumuraaf ni geessii kan jedhu gaaffiin jedhu gaaffii namoota hedduu ta'eera.

Tapha har’a galgalaa kanaan Arjantiinaan Liyooneel Meesii qabachuun taphni taphachuf jirtu xiyyeeffannaan eegama.

Kirooshiyaanis taphattoota akka Moodiriich, Kovaachiichiifi Biroozoovichiin taphinni taphachuuf jirtu akkaan kan eegamuudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015