Doktar Abiy Ahimad badhaasa "Hoggansa cimaa Afrikaa" badhaafaman - ENA Afaan Oromoo
Doktar Abiy Ahimad badhaasa "Hoggansa cimaa Afrikaa" badhaafaman
92
Mudde 4/2015(TOI)- Ministirri Muummeen FDRI doktar Abiy Ahimad badhaasa hoggansa cimaa Afrikaa badhaafaman.
Doktar Abiy Ahimad Sagantaa Ashaaraa Magariisaa ilaalchisee hoggansa agarsiisaniin badhaasni “Hoggansa cimaa Afrikaa” kennameeraafi.
Doktar Abiy Ahimad badhaasicha kan argatan qophii addaa dhaabbileen “American Academy Of Achievement And Global Hope Coalition” jedhaman mata duree “Saffisumaa Sochii Idil Addunyaa Afrikaa” jedhuun qopheessanirratti ta’uu ibsameera.