Aanga'oonni 4 yakka Malaamaltummaa cimaan shakkamanii too`ataman - ENA Afaan Oromoo
Aanga'oonni 4 yakka Malaamaltummaa cimaan shakkamanii too`ataman

Muddee 3/2015(TOI) - Aanga'oonni 4 yakka Malaamaltummaa cimaan shakkamanii too`ataman
Itti aanaa Tajaajila Nageenya Biyyaalessaa, konistraakshinii fi Loogistiksii obbo Tasfaayee Damee dabalatee hojjetoonni tajaajilichaa 4 qabamuun yakka malaammaltummaa cimaan shakkamanii himanni itti banameera.
Hoji gaggeessichaa fi hojjetoota irratti himanni kun kan baname maqaa tajaajila Nageenyaatiin Simintoo Kuntaala kuma 29 Warshaalee 2 irraa bituun namoota dhuunfaatti birrii Miliyoona 30 oliin gurguranii mallaqicha kiisaa ofii kaawwatan jechuun shakkamuu isaani Ministeerri Haqaa beeksise.
Himatamtoonni:
1ffaa Tasfaayee Damee Itti Aaanaa Tajaajila Nageenya Biyyaalessaa, konitraakshinii fi Loogistiksii
2ffaa Ashannaafii Tasfaayee Itti gaafatamaa olaanaa kutaa bittaa konitraakshinii fi Loogistiksii
3ffaa Tujubaa Qalbeessaa fi 4ffaan Muusxafaa Muusaa ogeeyyii bittaa tauun kan hojjetaa turan ta
uun beekkameera.
Himatamaa 1ffaan fedhiin ijaarsaa baroota 2013 fi 2014 keessa osoo hin jiraatin akka ijaarsi jiru fakkeessuun maqaa himatamtoota 3ffaa fi 5ffaatin warshaalee Darbaa fi Daangootee irraa gatii gadaanaan Simmintoon akka bitamu gochuun qilleensarratti gatii olaanaan gurguruun faayidaa ofiif oolfachuun shakkamuu jaraatu himame.
Himatamaa 2ffaan xalayaa fakkeessaa himatamaa 1ffaan barreesse gara himatamtoota 3ffaa fi 4ffaa qajeelchuunii fi ajaja kennuun Simmintoo kuntaalli kuma 29 fi 200 warshaalee eeramanirraa bituun eessattuu galii osoo hin ta`in akka gurguramu tumsuun himatame.
Haaluma kanaan himatamtoonni kunneen Siminto Maqaa Mana hojii Mootummaatin bitan birrii Miliyoona 30 fi kuma 99 fi 360 tti gurguruun dhimma dhuunfaaf oolfachuun Yakka cimaa Aangoo karaa sirrii hin taaneen fayyadamuutin too`annoo seeraa jala oolanii, himanni Yakka malaammaltummaa cimaan itti banameera.