Paartiin Badhaadhinaa miseensota Koree Giddugaleessaa 10 raggaasise

144

Sadaasa 30/2015(TOI) - Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa kan jiru yaa’ii ariifachiisaan waliigalaa 1ffaa Paartii Badhaadhinaa miseensota 10 koree giddugaleessaa ta’anii akka dabalamaniif dhiyaataan raggaasise.

Yaa’ichi oolmaasaa har’aa waaree boodaatiin Waajjira Olaanaa Paartichaatti Ittigaafatamaa Damee Siyaasaa Obbo Abrahaam Allallinyiin miseensota koree giddugaleessaaf akka filataman dhiyaatan raggaasiseera.

Haaluma kanaan Juul Naangaal Gambeellaarraa; Qabbalee Mangashaa Ummattoota Itoophiyaa Kibba Lixaarraa; Maskaram Dabbabaa Oromiyaarraa; Taaddasaa Gabiratsaadiiq, Abrahaam Ayyaalawu, Diyaaqoon Tasfaahuun Baanteyaabbil, Dassaalanyi Xaasawu, Warquu Hayilamaariyaam, Zawuduu Maalladaafi Mahaammad Yaasiin Naannoo Amaaraarraa kanneen filatamaniidha.

Obbo Abirahaam miseensonni koree giddugaleessaa ta’anii akka dabalamaniif kallattii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa kenne hordofee bu’uura dambii ittiin bulmaataa paartichaa keeyyata 17, keeyyata xiqqaa (F)tiin akka ta’e yaa’ichaaf ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015