Godinni Walloo kibbaa daldaltoota karaa seeraan alaa hojjetaa osoo jiranii argaman kuma 4 ol irratti tarkaanfii fudhate

57

Sadaasa 30/2015(TOI)---Daldaltoota karaa seeraan alaa hojjechaa turan kuma 4 fi 978 irratt tarkaanfii fudhachuusaa qajeelchi daldalaa fimisooma gabaa Walloo Kibbaa beeksise.

Mariin qooda fudhattootaa qajeelchi daldalaa fi misooma gabaa Walloo kibbaa qopheessee fi bittaa fi gurgurtaa omishaa fi dhimmoota biroorratti xiyyeeffate kaleessa adeemsifameera.

Itti gaafatamaan qajeelchichaa ob. Tasfaayee Mangistuu TOIf akka ibsanitti, daldala seeraan alaa godinichatti babal’achaa dhufe dhaabsisuuf hojjetamaa jira.

Gocha kana dhaabsisuuf baatiiwwan shaman darban yaalii taasifameen daldaltoota karaa seeraan alaa hojjechaa turan kuma 4 fi 978 irratti tarkaanfiin fudhatameera.

Daldaltoonni kunneen sababa malee gatii kan dabalan, waan hin malle kan omishatti makan, eyyama daldalaa malee hojjechaa kan turan, omisha karaa hin malleen mankuusaa keessa kan kuusan, omisha yeroon itti darbe osoo gurguranii kan qabamanii fi gocha seeraan alaa kanneen biroo kan raawwatan ta’uu dubbataniiru.

Kanneen keessaa kuma 2 fi 842 irratti ofeeggannoo barreeffamaa isa xumuraa, kuma 1 fi 120 irratti dhaabbanni daldalasaanii saamsamuu eeranii, kanneen hafan dhimmisaanii seeraan akka ilaalamu taasifamuu beeksisaniiru.

Kana cinaatti qamadiin, daakuu daabboo fi sukkaara dabalatee oomisootaaddaddaa kuntaala kuma 3 fi 479 fi zayitiin nyaataa fi boba’aan liitira kuma 3 fi 306 karaa seeraan alaa deddeebifamaa turan qabamanii hawaasaaf gatii madaalawaan akka qoodamu taasifamuu himaniiru.

Hojiin to’annoo akka milkaa’u deeggarsi caasaa nageenyaa fi hawaasaaolaanaa ta’uu eeranii, ammas qindoominni kun cimee akka itti fufu dubbataniiru.

Itti gaafatamaan qajeelcha poolisii Walloo Kibbaa itti aanaa komishinaraa Irgaxee Geetaahuun gamasaaniitiin, gochoota seeraan alaa ittisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015