Kabajinni Guyyaan saboota, sablamootaafi Uummatoota Itooyaa 17ffaa nagaan xumurameera.

93

Sadaasa 29/2015(TOI) - Kabajinni Guyyaan saboota, sablamootaafi Uummatoota Itooyaa 17ffaa qopheesummaa naannoo Sidaamaan har'a magaalaa Hawaasaatti kabajamee oolee rakkoo nageenyaa tokko malee nagaan xumuramuramuu Biiroon Dhimma Nageenyaafi Tasgabbii naannichaa beeksise.

Humnoonni nageenyaa naannichaafi Federaalaa dargaggoota naannawwichaafi kanneen biroo waliin qindaa'uun hojii cimaa hojjechaa turuu hogganaan Biirichaa obbo Alamaayyoo Ximootiyoos TOItti himaniiru.

Haalumaa kanaan ayyaanichi rakkoo nageenyaa tokko malee haaluma barbaadameen nagaan kabajameera jedhaniiru.

Ayyaanicha rakkoo nageenyaa malee nagaan akka kabajamuun humnoota nageenyaafi qaamolee biroo gaheesanii bahanis galateeffataniiru.

Ayyaanicha kabajuuf bakka bu'oonni saboota, sablamootaafi Uummatootaa haga gara bakka dhufaniitti deebi'anitti keessummummaan gaariin taasifameefii akka geggeeffaman dursa qophiin taasifamuu himaniiru.

Ayyaana guyyaa saboota, sablamootaafi Uummatoota Itoophiyaa 17ffaa guyyaa har'aa qopheesummaa Naannooo Sidaamaan qophaa'ee kanarratti Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonnii mootummaa Federaalaafi naannoolee biroon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015