Geejibinni Baaburaa Itiyo-Jibutii kurmaana jalqabaatti tajaajila fe'umsaa ala ergiifi alaa galchii karooraa ol mileessuu beeksise. - ENA Afaan Oromoo
Geejibinni Baaburaa Itiyo-Jibutii kurmaana jalqabaatti tajaajila fe'umsaa ala ergiifi alaa galchii karooraa ol mileessuu beeksise.

Sadaasa 29/2015(TOI) - Waldaan Akisiyoona Geejiba Baaburaa Itiyo-Jibutii kurmaana jalqabaatti tajaajila fe'umsaa ala ergiifi alaa galchii fe'umsa toonii kuma 470 ol geejibuun karooraa ol hojjechuu beeksise.
Hoji raawwachiisaan olaanaa Waldichaa doktar Abdii Zannabaa raawwii hojii kurmaana jalqabaafi haala walii galaa waldichaa ilaalchisuun TOI waliin turtii taasisaniiru.
Hojiiwwan dinagdee xiyyeeffannoon laatameefii hojjetamaa jiru keessaa tajaajilli geejiba Baaburaa tokko ta'uu himanii, kanaanis hojiin milkaa'aan hojjetamaa jira jedhaniiru.
Waladaan Aksiyoonaa Geejiba Baaburaa Itiyo- Jibutii buufataalee Baaburaa 19tti daldalaa ala ergiifi alaa galchii ariifachiisuun guddina dinagdeerratti gahee olaanaa bahaa jira jedhaniiru.

Bara bajataa kanatti kurmaana jalqabaan Zayita nyaataa, Konkolaatoota adda addaa,Xaa'oo Biyyoo dabalatee galteewwan qonnaa adda addaafi kanneen biroo dabalatee waliigalaan fe'umsa toonii kuma 471 geejibsiisuu himaniiru.
Kanaanis karooraa ol harka 104 raawwachuu himanii gahee ala ergiifi alaa galchii keessatti harka 12 qabaachaa ture gara harka 15 guddisuu eeraniiru.
Bara darbee oomisha Bunaa alatti ergame keessaa harka 98 kan ta'u kan geejibe Geejiba Baaburaa Itiyo- Jibutii ta'uu himaniiru.
Zayitaa nyaataa liitira miliyoonaa 60 fi Xaa'oo biyyoo fe'uun tajaajila loojistikii kennuun danda'ameera jedhaniiru.
Kanaanis doolaarri biliyoonaa 1.1 karaa tajaajila geejibaa Itiyo- Jibutii argamuu himaniiru.
Geejibinni Baaburaa Itiyo- Jibutii tajaajila geejibaa uummataan cinaatti damee turizimiinis Itophiyaafi Jibutiitti gahee olaanaa bahaa jira jedhaniiru.