Sabdaneesummaa keenya eeguun tokkummaa keenya cimsuu qabna - Obbo Dastaa Lendeemoo

75

Sadaasa 29/2015(TOI) - Pirezidaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Lendaamoo Sabdaneesummaa keenya eeguun tokkummaa keenya cimsuu qabna jedhan.

Guyyaan saboota, sabaloomatafi Uummatoota Itoophiyaa 17ffaan mata duree ''Tokkummaa sabdaneessummaa keenya nageenya waaraaf'' jedhuun bakka Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad argamanitti magaalaa Hawaasaa Istaadeemii Hawaasaati kabajamaa jira.

Sirna kabaja guyyaa saboota fi sablamoota Itoophiyaa kanarratti ergaa baga geessanii kan dabarsaan Pirezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Lendaamoo sabdaneessummaa hedduu qabnu kaaraa sirriin kununsuun tokkummaa keenya jabeessuu qabna jedhaniiru.


Biyya cimtuu ijaaruuf hojii hojjetamaa jiru galmaan gahuuf tokkummaa keessoo keenyaa cimsuun qabeenyaa gabbataa qabnu misoomsuufi itti fayyadamuuf hojii hojjetamu cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.


Gochaa Diinonni keessaa fi alaa adda nu baasuuf hojjetan hubachuun sabdaneessummaa biyya ijaaramte uumuuf hunduu gahee isaa bahuu qaba jedhaniiru.

Naannichi erga hundeeffamee sabootaa naannicha keessa hammachuun sabdaneessummaa jiru cimsuun naannoo naga qabeetti taasisuun danda'amuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015