Oromiyaatti namoonni miliyoona 20 ta'an fayyadamtoota Inshuraansii Fayyaa hawaasaa ta'an

Sadaasa 27/2015(TOI) -Biiroon Fayyaa Oromiyaa konfiransii sagantaa sosochii karoora Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa bara 2015 aanaaleefi magaalota hirmaachise godinaaleefi magaaloota keessatti gaggeessaa jira.

Kaayyoon konfiransichaas ummanni naannichaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa fayyadamaa ta’uun tajaajila fayyaa dhiyeenyaan akka argatu taasisuudha.

Oromiyaatti sagantaan Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa bara 2003 aanaalee Oromiyaa afur keessatti yaaliidhaan eegalame yeroo ammaa aanaalee 338 keessatti hojiirra ooluu biirichi beeksisee jira.

Akka Oromiyaatti hanga ammaatti miseensa hawaasa miliyoona 4.2 horachuun maatii miliyoona 20 fayyadamtoota Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa taasisuun danda'ameera.

Bara 2015'ttis gara miliyoina 5.2 irraan gahuun maatii mil.25 fayyadamtoota taasisuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Rakkoo gama dhiyeessii qorichaan tajaajilamtoota mudatu hiikuufis manneen qorichaa sadarkaasaa eeggate 136 banamee tajaajia kennaa jiraachuun ibsameera.

Akkasumas kenna tajaajila dhaabbilee fayyaa foyyessuun karaa qulqulinaafi saffisaa ta'een fayyadamummaa ummataa caalmaatti mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu konfiransicharratti ibsameera jechuun Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015