Adaamaatti namtichi meeshaaleen kontirobaandii birrii miiliyoona 4tti tilmaamamu geejjibsiisaa ture qabame - ENA Afaan Oromoo
Adaamaatti namtichi meeshaaleen kontirobaandii birrii miiliyoona 4tti tilmaamamu geejjibsiisaa ture qabame

Sadaasa 24/2015(TOI)---Magaalaa Adaamaatti meeshaalee kontirobaandii birrii miiliyoona 4tti tilmaamamu qabuusaa qajeelchi poolisii magaalattii beeksise.
Ogeettiin quunnamtii ummataa qajeelcha poolisii magaalaa Adaamaa inispeektar Warqinash Galmeechaa TOItti akka himanitti, meeshaaleen kontirobaandii bottee boba’a fe’u keessatti fe’amee naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaaraa gara magaalaa Adaamaatti geejjibsiifamaa osoo jiruu qabameera.
Botteen boba’aa fe’u koodii 3 lakkoofsa gabatee 68599 ET meeshaalee kontirobaandii fe’ee deemaa osoo jiruu seensa magaalaa Adaamaa keellaa Kurfaa irratti qabamuusaa Inispektar Warqinesh dubbataniiru.

Uffannaa fi meeshaalee elektirooniiksii addaddaa bootee boba’aa keessatti fe’uun boba’aa fakkeessuun keellaa darbuuf osoo yaaluu kaleessa galgala sa’aatii 12:30 irratti qaamolee nageenyaan to’annaa jala ooluusaa himaniiru.
Konkolaachisaan to’annaa poolisii jala oolee qorannaan taasifamaa akka jiru itti aantuun Inispeektar Warqinesh Galmeechaa ibsaniiru