Itti aanaan ministira muummee fi ministirri dhimma alaa ob. Dammaqaa Mokonnin itti gaafatamaa sagantaa nyaataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii waliin mari’atan

62

Sadaasa 23/2015(TOI)--- Itti aanaan ministira muummee fi ministirri dhimma alaa ob. Dammaqaa Mokonnin itti gaafatamaa sagantaa misoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Achiim Steener waliin mari’atan.

Ob. Dammaqaan haala yeroo kutaa kaabaa biyyattii ilaalchisuun, walii galteen nageenyaa akka hojiirra oolu ejjennoo mootummaan qabu itti gaafatamichaaf ibsaniiru.

Yeroo ammaa mootummaan kallattiiwwan deebisanii dhaabuu, deeggarsa namoomaa dhiheessuu fi itti gaafattummaa diriirsuu kan jedhan kallattiiwwan ijoo sadii irratti xiyyeeffachuun hojiitti seenuu himaniiru.

Waggoota lamaan darban wayita Itiyoophiyaan haala rakkisaa keessa turtee fi dhiibbaan hin malle irra gahaa wayita turetti dhaabbabnni misoomaa kun deeggarsa Itiyoophiyaaf taasiseef galateeffataniiru.

Naannawoota waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuu fi hawaasa deeggaruuf koreen addaa dhaabatee hojiitti seenuun lammiilee deeggarsa barbaadaniif dhiheessii namoomaa walirraa hin cinne qaqqabaa taasisaa akka jiru ibsaniiru.

Ittiaanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Ob. Dammaqaan tajaajiloonni barnootaa, elektiriikii, telekomunikeeshinii, fi kanneen biroo iddoowwan tokko tokkotti deebi’anii jalqabuusaanii eeraniiru.

Sagantaan misoomaa mootummoota gamtoomanii hojii deebisanii dhaabuu deeggaruun mootummaa cinaa dhaabachuu akka qabu beeksisaniiru.

Itti gaafatamaan sagantaa misoomaa mootummoota gamtoomanii rakkoon kutaa kaaba biyyattii ture karaa nagaa hiikuuf kutannoo mootummaan agarsiise dinqisiifataniiru.

Iddoowwan waraanaan manca’an deebisanii dhaabuuf dhaabbannisaanii deeggarsa barbaachisu akka taasisu mirkaneessaniiru.

Qaamoleen deeggartootaa kanneen biroos deebisanii dhaabuurratti deeggarsa akka taasisan karaa dhaabbatasaanii akka hojjetan waadaa galuusaanii odeeffannoon waajjira dubbi himaa ministeera alaarraa argame ni eera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015