Uummanni haleella biyya isaarratti agaamame qolachaa hirmaanna hidha haaromsaa guddicha irratti qabus cimsee hojjeteera

78

Sadaasa 23/2015(TOI) - Uummanni haleella birmasummaa biyya isaarratti agaamame qolachaa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaaf deeggarsa birrii biliyoona 1 ol walitti qabuun gaachana biyya isaa ta'uu mirkaneeseera jedhan Itti aanaa Pirezidaantii naannoo Oromiyaafi walitti qabaan mana maree Hiidha haaromsaa naannichaa obbo Awwaluu Abdii.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa Sagantaa gaggeessaa Waancaa hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa fi qaamolee hidhichaaf gumaacha olaanaa taasisaniif Magaalaa Adaamaatti sirna beekamtii kennuu qopheesse.

Sirna kanarratti Obbo Awwaluun qaamolee ijaarsa hidha kanaaf gumaacha olaanaa taasisanis hundaa galateeffataniiru.

Hanga xumura pirojektichaattis hirmaannaan qaamolee hundaa addaan cituu akka hin qabnee fi xiiqiidhaan hojjechuun barbaachisaa akka ta'e, Obbo Awwaluun dhaamaniiru.

Waancaan hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa turtii waggaa tokkoof Oromiyaa tureen, Birrii biiliyoona tokkoo fi miiliyoona 48 fi kuma dhibba sagaliifi kuma 88 walitti qabuun akka dandaa'ame, Daayirektarri Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa Naannoo Oromiyaa Aadde Qonjiitti Baqqalaa himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015