Namtichi karaa seeraan alaa namoota biyyaa baasuuf yaale hidhaa cimaa waggaa 15 fi maallaqaan adabame

101

Sadaasa 22/2015(TOI) Godina jiddu galeessa Gondoritti namtichi karaa seeraan alaa namoota biyyaa baasuuf osoo yaaluu qabame hidhaa cimaa waggaa 15 fi maallaqaan adabamuusaa manni murtii olaanaa godinichaa beeksise.

Ogeessi quunnamtii ummataa fi komunikeeshinii mana murtichaa adde Maastawaal Warquu TOItti akka himanitti, namtichi adabbiin kun itti murtaa’e jiraataa aanaa teach Armaacoo kan ta’e Ermiyaas Malaakuu Ayishashuum jedhamudha.

Yakkamaan kun nama yeroof hin beekamne waliin tahuun namoota Finfinneerraa Gondaritti ergaman 6 karaa seeraan alaa gara biyya ollaatti ceesisuuf tokkoo tokkoo isaaniirraa doolaara kuma 5 kafaluuf waliigaltee taasisaniiru jedhaniiru.

Baatii guraandhala bara 2014 aanaa Taach Armaacoo ganda Fandiqaa jedhamutti namoota kanneen dhoksee baajaajii taargaa hin qabneen fe’ee geejjibsiisaa osoo jiruu hordoffii qaamolee nageenyaatiin qabamee himanni akka irratti baname yaadataniiru.

Himataaan Kun raga sanadaa fi namaa irratti dhihaate ilaalchisee gaafatamee yakka hin hojjenne, badii hinqabu jechuun ganuudhaan mana murtiitti falmeera.

Manni murtiis galmee himannaa erga qoratee booda himatamaan kun yakka itti himatame raawwachuusaaf murtee laateera.

Himatamaan kun labsii yakka namaan daldaluu fi karaa seeraan alaa daangaa ceesisuu ittisuuf bahe lakkoofsa 1178/20/2keewwata 8/1 fi seera yakkaa RDFI keewwata 32/1-A irratti kaa’ame darbee argamuusaa mirkaneessuusaa ibsaniiru.

Manni murtii olaanaa kun dhaddacha yakkaa Sadaasa 20/2015 ooleen nama kana ni barsiisiisa kanneen biros ni akeekkachiisa jedhe hidhaa cimaa waggaa 15 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 30 itti murteessuuadde Maastawaal dubbataniiru.

Himatamaan kun maatii kan bulchuu akkasumas kanaan dura riikordiin yakkaa akka irra hin jirre raga waan dhiheesseef adabbii akka salphisuufitti qabamuusaa beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015