Hojiiwwan mirgaa fi faayidaa qaama miidhamtootaa kabachiisuuf hojjetaman cimanii itti fufu-Ministeera dubartootaa fi dhimma hawaasummaa

73

Sadaasa 22/2015(TOI)--- Hojiiwwan mirgaa fi faayidaa qaama miidhamtootaa kabachiisuuf hojjetaman cimanii itti fufan ministirri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee ibsan.

Guyyaa qaama miidhamtoota idil addunyaa baranaa sadarkaa biyyaalessaatti yeroo 3offaaf sadarkaa idil addunyaatti ammoo yeroo 31ffaaf magaalaa Dirreedhawaatti ni kabajama.

Guyyaan kun mata duree “hojiin kalaqaa hunda hammatuu fi furmaata cehumsaa qaama miidhamtoota Itiyoophiyaaf qaqqabummaa hundaqabeessa” jedhuun boruu fi iftaan ni kabajama.

Ministiirittiin guyyaa kana sababeeffachuun akka jedhanitti ministeerichi mirgii fi faayidaan qaama miidhamtootaa amma mirkanaa’utti yaalii jalqabe cimsee itti fufa.

Ayyaanni baranaa akka biyyaatti hubannoo qaama miidhamtootaailaalchisee mul’atu guddisuuf mirgii fi faayidaansaanii akka mirkanaa’u kan gargaaru akka ta’e eeraniiru.

Keessumaa ilaalchonni dogoggoraa qaama miidhamtootaa ilaalchisanii calaqqisan jijjiiruuf hojiiwwan jalqabaman akka iman taasisu jedhaniiru.

Hawaasni dhimma qaama miidhamtootaa dhimmasaa gochuun socho’uu akka qabu doktar Ergoogeen hubachiisaniiru.

Guyyaan qaama miidhamtootaa wayita kabajamu dhimmoota fayyadama isaanii hunda galeessa mirkaneessan irratti mariin akka taasifamu ibsaniiru.

Daarektarri olaanaa federeeshinii qaama miidhamtoota Itiyoophiyaa Abboonee Gujjoo gamasaaniitiin, kabajamuun ayyaana kanaa miidhamtoonni waliin ta’anii sagaleesaanii dhageessifachuuf carraa kennaaf jedhaniiru.

Ministeerichi qaama miidhamtoota dame misooma hundatti carraa argatanii hirmaataa fi fayyadamaa akka ta’anii fi dandeettii federeeshinichaa gabbisuuf yaalii taasisaa jiruuf galateeffataniiru.

Fuulduras qaama miidhamtoonni gama hundaanuu hirmaataa fi fayyadamaa akka ta’an deeggarsa qaamaa namtolchee deeggaruuf hojiin hojjetamu cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015