Yuunivarsiitii Arsiitti jiddugalli qindeessa aananiifi bu'aa aannanii birrii miliyoona 160 ijaarame eebbifame.

76

Sadaasa 22/2015(TOI) - Yuunivarsiitii Arsiitti jiddugalli horsiisa saawaan aannanii, qindeessa aannaniifi bu'aa aannanii birrii miliyoona 160 ijaarame eebbifame.

Baasiin ijaarsa jiddugalli kun ittiin ijaarame kan baasii godhi Ministeera Qonnaa Rippabilikaa Kooriyaa yoo ta'u, jaarsi isaas waggaa fudhate jedhameera.

Jiddugalii kun horsiisa saawwaan aannanii, oomisha nayaata beelladaafi qindeessa aannaniifi bu'aa aannanii kan of keessatti hammate kan qabu ta'uun himameera.

Ministeerri Qonnaa, Mootummaa Rippabilikaa Kooriyaafi Yuunivarsiitiin Arsii waliin jiddugalicha hojii jalqabsiisaniiru.

Ijaarsi jiddugalichaa qaama Pirojeektii horsiisaa saawwan Aannanii keessaa tokko ta'uu Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Arsii doktar Dhugumaa Addunyaa TOItti himaniiru.

Ijaaramuun jiddugala kanaa sadarkaa biyyaatti hojii Maaddii jalqabameef hojii qoranoon sanyii saawwan aannanii fooyyeesuufi misooma qabeenya aannaniin qorannoon deeggarsuun bu'aa guddaa kan qabu ta'uu himaniiru.

Jiddugalichi amma hojii kan jalqabe hojii marsa jalqabaasaan ta'uus himaniiru.

Marsaa lammafaadhaan sanyii lukkuu oomishaa buuppaa fi Foonii qaban horsiisuurratti kan xiyyeeffatuf pirojeektiin qophaa'afii jiraachuu doktar Dhugumaan himaniiru.

Pirojeektiin kun hojiin isaa bara xumuramee bara dhufu gara hojiitti kan galamu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015