Guyyaan Sabootaa, Sablammootaa fi Ummattootaa waltajjii tokkummaa keenya itti cimsannudha Ob. Ordiin Badrii

69

Sadaasa 22/2015(TOI) Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa walitti hidhiinsa keenya kan itti gabbifnuu fi tokkummaa keenya kan tii cimsannudha jedhan pirezidaantiin naannoo Hararii Ob. Ordiin Badrii.

Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa 17ffaan sadarkaa naannoo Harariitti kabajamaa jira.

Guyyaan kun mata duree “tokkummaan sabsaneessummaa nageenya waaraaf” jedhuun kabajamaa kan jiru yoota’u, pirezidaantichi ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaan qormaata bara baraan ishee mudachaa ture dabartee har’a kan geese lammiileen Saboota addadda, amantaawwanii fi afaan addaddaa qaban walta’anii walutubanii aarsaa kafaluu isaaniitiini jedhaniiru.

Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa waltajjii eenyummaan addaddaawalitti hidhiinsa isaanii kan itti gabbisanii fi tokkummaa isaanii kan itti cimsatan ta’uu ibsaniiru.

Tokkummaan keenya bu’uura cimaarra akka dhaabatu harka wal qabannee kutannoon hojjechuu qabna jedhaniiru.

Hooggantoonni olaanoo naannichaa, abbootiin amantaa, abbootiin gadaa fi kutaaleen hawaasaa kanneen biroon sirna kabajaa kana hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015