Saawdii Arabiyaan Soomana Ramadaanaa Sababeeffachuun Itiyoophiyaanota biyyichatti hidhaman turan kuma 1 fi 400 dhifamaan gadhiiste - ENA Afaan Oromoo
Saawdii Arabiyaan Soomana Ramadaanaa Sababeeffachuun Itiyoophiyaanota biyyichatti hidhaman turan kuma 1 fi 400 dhifamaan gadhiiste
155
Caamsaa 01/2011 Saawdii Arabiyaan Soomana Ramadaanaa sababeeffachuun Itiyoophiyaanota biyyichatti hidhamanii turan kuma 1 fi 400 dhifamaan gadhiiste.
Itiyoophiyaanonni dhiifamni godhameef kanneen adabbiin waggoota dheeraa itti murtaa'e turan.
Saawdii Arabiyaan sirreeffamtoota hafaniifis yeroon murtii %75 hir'isuuf walii galteetti.
Sirreeffamtoota gadhiifaman keessaa 300 har'a gara biyya isaaniitti ni deebi'u.