Sagantaan Maaddii Guutuu Biyyaalessaa Magaalaa Adaamaattii qophaa'e - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan Maaddii Guutuu Biyyaalessaa Magaalaa Adaamaattii qophaa'e

Sadaasa 21/2015(TOI) -Sagantaan Maaddii Guutuu Biyyaalessaa Magaalaa Adaamaattii qophaa'e Sagantaa kanarratti Ministirri Qonnaa Obbo Umar Huseen dabalatee qooda fudhattoonni naannolee fi sadarkaan jiran hirmaataniiru.
Ministirri Qonnaa Obbo Umar Huseen sirna kanarratti argamuun haasaa taasisaniin milkaa'ina Oomisha Qonna Qamadii fi Oomishalee biroo irratti argameen cimsaa karoora saagantaa maaddii guutuu kanas milkeessuun barbaachisaadha jedhan.
Hojiilee Utubaa biyyaa ta'an Qonna irratti kanaan dura xiyyaffannoon ture laafaa ta'uu kan eeran Obbo Umaryeroo amma xiyyeeffannoon sekterichaaf kennameen Oomishaa fi oomishtummaan Qonnaan bulaa dachaan dabalaa jiras jedhan.
Maaddii guutuun dabaaluun barbaachisa akka ta'es eeraniiru.Sagantichi oomisha misooma beelladaa irraatti xiyyeeffachuu kan himan Ministeera Qonnaatti Deetaa Ministeera Qabeenya Misooma Beellaadaa fi Qurxummii Dr Fiqiruu Raggaasaa adda durumman immoo Misoomaa Annanii , misoomaa Lukkuu fi misooma Kanniisaa irratti xiyyeeffata jedhan.
Milkaa'ian Maaddii Guutuu kanaaf hunduu tumsuu qabaas dhaaman.Hirmaattonni naannoolee irraa sagantaa kana irratti argamanis dhiyeessii wal qabatee akka guutamu qabu kaasuun xiyyeeffannoo oomisha biroo irratti mullachaa ture cimsuun sagantaa kanas akka adda dureetti fudhachuun hawaasa hirmaachisuun kan hojjatan ta'us himan jechuun OBN gabaasera.