Ji'a gannaa bara kanaatti biqiltuuwwan biliyoona 4 dhaabuf qophiin jalqabame

65

Finfinnee Eebla 30/2011 Ji'a gannaa bara kanaatti biqiltuuwwan biiliyoona 4 ta'u dhabuuf muummee ministiraa Dooktor Abiyyi Ahimadiin koreen ministirootaa dhabachun ibsame.

Daayireektarri sab qunnamtii ummataa koomiishinii Naannoo, Bosonaa fi Qabeenya Qilleensaa  obbo Tasfayee Gaashawu Tajaajila Oduu Itoophiyaaf akka jedhanitti ganna bara kanaatti biqiltuuwwan duulan kan dhabbamaan ta'a.

Dhaabbii biqiltuuwwan kanneenifis qophiin taasifamaa jirachuu ibsanii, hojiin kunis ji'a Adoolessaa irraa hanga Qaammeetti kan turu ta'a jedhaniru.

Sadarkaa biyyoolessaatti hojichi muummee ministiraa Dooktor Abiyyi Ahimadii fi ministiroota dameewwan adda addaa hoggananiin kan duurfamu ta'us himani jiru.  

Sadarkaa biyyoolessaattis koomiishiniin Naannoo, Bosonaa fi Qabeenya Qilleensaa  dhabachuu isa ibsanii jiru.

Sosochiin misooma magariisaa kun biqiltoonni dhaabaman sadarkaa gaariitti akka kunuunfaman ni hordofama jechun ibsanii jiru.

Amma ammaattis biqiltuun biiliyoonni 3 buufataalee misooma biqilqtuutti kan qophaa'e yammuu ta'u, kan hafe immoo damee dhuunfaa fi hawaasan guutuuf sochiin taasifamaa jira jedhaniru. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015