Obbo Dammaqaa Mokonniin walga’ii IGAD 48ffaarratti hirmaachuuf Sudaan Kaartum galan

79

Sadaasa 20/2015 (TOI) – Itti aanaan Ministira Muummee FDRI fi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Makonniin walga’ii Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa(IGAD) 48ffaarratti hirmaachuuf Sudaan Kaartum galaniiru.

Obbo Dammaqaa Mokonniin wayita Kaartum ga’an hoggantoota olaanoo biyyattii fi IGAD simatamaniiru.

Walga’ichi dhimmoota nageenya Gaanfa Afrikaa, miidhaalee sababa walitti bu’iinsaa fi balaa uumamaan qaqqaban, deeggarsa namoomaa, wabii nyaataa fi dhimmoota naannawichaa fi idil addunyaarratti kan mari’atu ta’uu eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015