Tamsaasa Kallatti:

Biyyoonni dirree siyaasaatti masaanuu ta’an Ameerikaa fi Iraan har’a dirree kubbaatti walii bahuufi

Sadaasa 20/ 2015(TOI ) ---Waancaa addunyaa Fiifaa 22ffaa Kuwaataaritti taasifamaa jiruun ramaddii lamaan Iraanii fi Ameerikaan 16 seenuuf har’a ni taphatu.

Gareen biyyaalessaa lamaan waancaa addunyaatti yemmuu waliti dhufan kun kan lammaffaati.

Waancaan addunyaa Fiifaa erga jalqabamee har’a guyyaa 10 ta’eera.

Ramaddii lama keessatti kan argaman Iraanii fi Ameerikaan har’a dhiha keessaa sa’aatii 4tti Istaadiyeemii Al Tumaamaa kan daawwattoota kuma 40 qabatutti ni taphatu.

Tapha ramaddii duraatiin Iraan garee Ingiliziin goolii 6 fi 2n mo’atamuunshee ni beekama. Haa ta’u malee tapha itti aanuun Weelsi goolii 2 fi 0n mo’attee gara gatanii darbuutti galuuf abdii qabdu bal’ifatteetti.

Gama biraatiin Ameerikaan tapha jalqabaatiin Weelsi walii goolii 1 fi 1n adda baateetti. Tapha lammataa duraa garee kanaa kan taate Ingiliiz waliin taphattee goolii malee wal qixa baateetti.

Iraan qabxii sadiin lammaffaa akkasumas Ameerikaan qabxii lamaan sadarkaa sadaffaarratti argamti.

Iraan marsaa itti aanutti darbuuf mo’achuun kan isheerraa eegamu yoo ta’u qixa baatees Ingiliiz Weelsi yoo mo’atte 16 keessa galuushee ni mirkaneeffatti.

Ameerikaan gara gatanii darbuutti seenuuf carraan isheen qabdu mo’achuu qofaadha.

Iraanii fi Ameerikaan Waancaa addunyaatti yemmuu walitti dhufan kun kan lammataati.

Akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1998 waancaa addunyaa 16ffaa keessummeessuu Faransaayiin adeemsifameen ramaddii 6n walitti dhufanii Iraan goolii lama Hamiid Istiilii fiMeehidii Mahadaviikiyaa galchaniin 2 fi 1n Ameerikaa mo’atteetti.

Briiyaan Maakbiraad Ameerikaaf goolii tokko galchee ture.

Gareen biyyaalessaa lamaan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2000 tapha michoomaa taasisanii goolii tokkoo fi tokkoon adda bahaniiru.

Lammii Ispeen kan umuriin isaa 45 ta’e Antiiniyoo Maatiyuu Laahooz tapha Iraanii fi Ameerikaa taphachiisaa jidduu ta’uun ni gaggeessu.

Ramaddii lama qabxii afuriin kan dursitu Ingiliiz Istaadiyeemii Ahmag Biin Aliitti qabxii tokko qabattee sadarkaa dhumaarratti kan argamtu Weelsi waliin dhiha keessaa sa’aatii 4tti ni taphatti.

Ramaddii tokkoon Senegaal Ikuwaadoor waliin Istaadiyeemii idil addunyaa Kaliifaatti galgala sa’aatii 12tti ni taphatu.

Senegaal tapha lamaan qabxii sadii kan qabdu yoo ta’u, Ikuwaadoor qabxii afur qabdi.

Leenconni Teraangaa 16 keessa galuuf carraan qofeessi qaban Ikuwaadoor mo’achuudha. Gama biraan Ikuwaadoor walqixa yoo baate gara marsaa itti aanuutti ishee dabarsa.

Ramaddii kanaan qabxii afur kan qabdu Nezerlaandis ramaddii kana keessaa kufuushee kan mirkaneeffatte Kuwaataar waliin Istaadiyeemii Al beeyititti galgala sa’aatii 12tti ni taphatti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015