Tapha Waancaa Addunyaa 22ffaan Sarbiyaanfi Kaameeruun qabxii walqixaan xumuran

Sadaasa 19/2015 (TOI) - Tapha waancaa Addunyaa 22ffaan ramadii 7ffaa keessaa Kaameruunii fi Sarbiyaa gidduutti Istaadiyeemii Al Januubitti har'aa saatii 7 irraa jalqabee geggeeffamaa ture.

Gareen lachuu goolii 3 fi 3'n xumurameera.Tapha kanaan boqonnaa dura Sarbiyaan goolii 2 fi 1 Kaameeruun dursaa turte.

Boqonnaan boodaa taphaa sarara duraa fulaam kan ta'e Aleeksaandar Mitiroovichi daqiiqaa 53ffaatti Sarbiyaaf gaalii galcheen Sarbiyaan taphicha goolii 3 fi 1 kaaruu duruu jalqabde.

Goolii kana booda Sarbiyaan taphicha mohachuu dandeessii yaanni jedhu maatii ispoortii biratti caalmaa argatee ture.Ta'uus garuu jijjiramee kan gara taphaatti gale Visaanti Abubakar daqiiqaa 64ffatti gaalii Kaameeruunif galcheen Kaameeruun gara miiraa xaphaa gaariitti deebiteetti.

Garaagarummaa daqiiqaa 2 jiddutti taphaatan sarara duraa Bayaarimuk Ereki Makisimichuppaa Motiinig kubbaa Abubakar kenneef fayyadamuun goolii galcheen wal qixxeessera.

Kameeruun tapha marsaa jalqabaan Siwizaralaandii 1fi 0 mo'amuun ishee ni yaadatama.

Sarbiyaan immo Biraaziliin 2fi 0 injifatamuun ishee kan yaadatamudha.Kameeruun garee 16 keessa galuuf ramadii ishee keessaa Biraazil injifattee qabxii Siwizarlaandiifi Sarbiyaa eeggatti.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015