Waggaa tokkotti ijaarsa hidha haaromsaaf birriin biiliyoona tokkoo ol deeggarsa taasifameera-biiroo komunikeeshinii naannoo Oromiyaa

75

Sadaasa 19/2015(TOI)---Naannoo Oromiyaa waggaa tokko keessatti ijaarsa hidha haaromsaaf birriin biiliyoona tokkoo ol deeggarsa taasisuunsaa beeksise.

Itti gaafatamaan biiroo komunikeeshinii naannichaa ob. Hayiluu Addunyaa hojiiwwan addaddaa naannicha keessatti hojjetemanii fi haala yeroorratti ibsa kennaniiru.

Ibsa kanaanis, mootummaan naannichaa waggaa darbe baatii Sadaasaa waancaa hidha haaromsaa guddicha Itiyoophiyaa Dirreedawaa irraa fudhatee kutaalee naannichaa addaddaa keessa marmaarsuun taateewwan galii walitti qabuu adeemsisuunsaa ni yaadatama.

Turtii waggaa tokkoo waancaa kanaan ummanni naannichaa ijaarsa hidha kanaaf kennaa, bittaa boondii fiergaa gabaabaan birrii biiliyoona 1 tuqaa 3 ol deeggarsa taasifamaa dubbataniiru.

Waancaa kana gara naannoo Sidaamaatti gaggeessuuf qophiin taasifamaa jira jedhaniiru.

 Haala walfakkaatuun baatiiwwan afran darban naannichatti galii mana qopheessaa fi idileetiin birriin biiliyoona 22 tuqaa 8 sassaabamuu ob. Hayiluun ibsaniiru.

Amma ammaatti midhaan heektaara 2 tuqaa 1 irraa sassaabamuusaa akkasumas misooma qamadii bonaatiin lafti heektaara kuma 278 sanyiin uwwifamuu himaniiru.

Kana malees   sooranni mana barnootaa fi ijaarsa manneen barumsaa idileen duraatiin hojiin jajjabeessaan hojjetamuusaa dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015