Miseensoonni humnoota nagaa eegsistoota Itoophiyaa fi Jibutii shaakala waraanaa waloo taasisan. - ENA Afaan Oromoo
Miseensoonni humnoota nagaa eegsistoota Itoophiyaa fi Jibutii shaakala waraanaa waloo taasisan.

Sadaasa 19/2015(TOI) - Humni nagaa eegsisaa ''Atimis sektar araati'' marsaa 7ffaaf Humana nagaa eegsisaa Jibutii waliin dirqama bu'uura kan godhate shaakala waraanaa waliin taasisuun himame.
Humnoonni nagaa eegsistoota biyyoota lamaanii shaakala waraanaa qindaa'aa waloon geggeessuun isaanii dirgamoota gara fuula duraatti barbaachisani wal hubannoon karaa sirrii raawwachuuf gahee olaanaa qabachuu sektarichatti Itti aanaan ajaajaa Koloneel Shumat Xalalawoo himaniiru.
Shaakaliin waraana qindaa'aa kun osoo hin jalqabiin dura miseensootaaf qajeelfama dirqamichaa kan laataan koloneel Shumat Xalalawoo yaalii qocholloo Alshabaab darbee darbee raawwatu qolachuufi barbadeesuuf akka danda'amuu kan gargaruudha jedhaniiru.
Kana bira darbees walitti dhufeenya humnoota nageenyaa Itoophiyaa fi Jibutii kan cimsudha.Shaakkichaan booda yaada kan kennaan misoonsoonni humna eegumsa nageenyaa shaakalliin dirree irratti hojjetame haala itti yaadameen raawwatameera.
Shaakalliin dirree irratti qabataaman raawwatamu akkanaa humni waraanaa maalirra akka jiru maluun cinaatti humnoota nageenya Jibutii waliin ta'uun garee shororkeessicha barbadeessuuf kan gargaruudha jechuusaanii ragaan miidiyaa hawaasumaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaarraa argame ni muli'isa.