Naannoo Tigiraayitti Shiraaroo hanga Adwaatti marsaa jalqabaan lammiile kuma 400'f kuma 50f deeggarsi namoomaa dhiyaateera jedhame.

84

Sadaasa 18/2015(TOI) - Naannoo Tigiraayitti Shiraaroo hanga Adwaatti marsaa jalqabaan lammiile kuma 400'f kuma 50f deeggarsi namoomaa dhiyaachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itoophiyaa beeksieera.

Waliigaltee Nageenyaa Mootummaa fi ABUT gudduutti gaggeeffame hordofee Mootummaan deeggarsa namoomaa gara Nannoo Tigiraayitti galchaa jiraachuus beeksiseera.

Hogganaan Waajjira Komishinara Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa fi Qindeessaan Yeroo Deeggarsichaa Zarihuun Zawdee akka himanitti, gama Mootummaan Naannoo Tigiraayitti lammiilee rakkoo keessatti argamaniif deeggarsi namoomaa taasifamaa jiru cimee itti fufuu himaniiru.

Magaalaa Shiraaroo irraa eegalee ganga Adihagaraayi, Adinabirii, Shiree,Salaklaakkaa, Aksuumii fi Adwaatti bakkeewwan hundatti deeggarasi adda hin cinne taasifamaa jiraachuu himan.

Deeggarsa marsaa jalqabaa kanaanis lammiilee kuma 400fi kuma 50 ta’aniif qamadii fi nyaata madaalamaa kuntaala kuma 90 ol rabsamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015