Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 170 ol baasaan to'ataman - ENA Afaan Oromoo
Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 170 ol baasaan to'ataman

Sadaasa 17, 2015 (TOI) – Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 170 olitti tilmaamamu to'atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksiise.
Hordoffii taasiifameen meeshaaleen karaa seeran alaa galuuf ture Birrii miiliyoona 137.2 baasuu fi karaa seeran alaa alitti ba'uuf turee miiliyoona 33.4tti tilmaamamu dameewwa Gumrukaa adda addaatti to'atamuu komishinichi ibseera.
Uffataaleen, boba'aan, horiin dhaabbii, meeshaaleen elektirooniksii,Bunni, Qorichaaleen, Konkolaattoonni, meeshaaleen faayaa fi waraanaa, Jimaa, baalli Sammuu adoochuu fi Zayinni nyaataa, akkasumas maallaqoonni biyyoota garaagaraa to'atamuu himeera.