Miidhaa saalaa dubartootaa fi shamarran irra ga’u hundi balaaleffachuu qaba-pirezidaant Saahilawarq Zawudee

156

Sadaasa 16/ 2015(TOI)---Godaanifni miidhaa dubartootaa fi shamarran irra ga’u dhiisee darbu  olaanaa waan ta’eef hundi ilaalchaa fi gocha kana cimsee balaaleffachuu akka qabu pirezidaantiin RDFI Saahilawarq Zawudee ibsan.

Pirezidaant Saahilawarq duula farra miidhaa saalaa guyyoota 16 kan baranaa ifatti jalqabsiisaniiru.

Ministeerri dhimma dubartootaa fi hawaasummaa rakkoolee damee kanaan mul’atan xiqqeessuuf imaammataa fi seera qopheessuun hojiirra oolmaa isaaf sochii taasisu dinqisiifatanii, dubartoonnii fi shamarran miidhaan irra ga’uuf haqa akka qargatan mootummaan xiyyeeffannaan ni hojjeta jedhaniiru.

Duula hojii har’aa eegalee guyyoot 16 amma Mudde 1 bara 2015tti adeemsifamaniin mariin paanaalii ni gaggeeffama jedhameetu eegama.

Guyyaa farra miidhaa saalaa miidhaalee saalaa irra deddeebi’anii raawwataman ittisuu irratti xiyyeeffatee የduula waggaa waggaan taasifamudha.

Sadaasa 16 irraa kaasee sosochii guyyoota 16f  miidhaawwan sababa hawaasummaa fi dinagdee saalaatiin qaqqaban ilaalchisee hubannoo uumuu fi rakkoo kana egereef ittisuuf hojiiwwan dandeessisan irratti xiyyeeffatamee bal’inaan wayita hojjetamudha.

Keessumaa Itiyoophiyaa naannolee addaddaatti mootummaan, qaamoleen mitmootummaa fi hawaasni dubartoota naannawasaanii jiraniif xiyyeeffannaa olaanaa akka kennan hubachiisuu ni dabalata.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015