Dhibee Busaa dursanii ittisuurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun himame.

Sadaasa 14/2015(TO) - Naannoo Oromiyaa godinaalee adda addaatti bara kana dhibe busaa dursanii ittisuurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuun himame.

TOI Dhibee busaa ittisurratti hojii hojjetamaa jiru ilaalchisuun hojii hojjetamaa jiru waajjira Fayyaa godina shawaa Lixaa, Godina Iluu abbaa booraa fi Arsii Lixaa gaafateera.

Dhibee busaa dursanii ittisuuf hojii hawaasa hirmaachise hojjechaa jiraachuu Wajjiira fayyaa godina Iluu Abbaa Booraatti qindeessaa ittisa dhibee busaa obbo Balaay Asfaawu himaniiru.

Godinichatti dhibee busaa ittisuuf hojiiwaan hawaasa hirmaachisuun hojjetamaa jiran keesaa barnoota hubannoo cimsaan manneen barnootaafi bakkeewwan adda addaatti laachuun kan duraati jedhaniiru.

Bakkee bishaan itti kuufaman balleessuu, Mana manarra naanna'uun keemikaalaa farraa bookee busaa biifuu, Agoobara siree jiraatootaaf qooduun bali'inaan hojjetamaa kan jiru ta'uu himaniiru.

Hanqinni Agoobaara siree akka hin mudanneef biiroo fayyaa Oromiyaa waliin ta'uun hojii hojjetameen aanaalee dursa argachuu qaban adda baasuun Agoobara siree kuma 100 qooduu himaniiru.

Dhiheessiin qorichaas haala gaariirra kan jiru ta'uu himanii Dhibee kana dursanii ittisuurratti hunduu hirmaachaa jiraachuu himaniiru.Hojiin hubanoo cimsuu gara fuula duraattis cimee kan itti fufu ta'uus himaniiru.

Haaluma walfakaatuun godina Arsii Lixaatti dhibee busaa dursanii ittisuuf xiyyeeffannoon laatamee hojjetamaa jiraachuu waajjirri Fayyaa godinichaa beeksiseera.

Godinichatti hojiiwaan dhibee busaa dursanii ittisuuf barbaachisan hojiirra oolchuun kan raawwwatame ta'uu ittigaafatamaan waajjira Fayyaa godinicha obbo Girmaa Gizaachoo himaniiru.

Godinichatti ganna darbe namoonni kuma 24 caalaa dhibee kanaan qabamuu himanii, yeroo dhihootti samuudaa fudhatameen namoota kuma 8 irratti dhibeen kun argamuu himaniiru.

Dhibeen kun aanaalee haala qillensa ho'aa ta'e qaban kanneen akka Wandoo, Siraaroofi Heeban Arsii keessatti bal'inaan mul'achuu himaniiru.

Aanaalee kanneenitti barnoonnii waa'ee dhibee kanarratti hubannoo hawaasaa cimsu kennamaa jirachuu himanii, keemikaala farra bookee busaas mana manarra naanna'uun duulaan biifamaa jiraachuu himaniiru.Dabalatanis Agoobarri siree kuma 370fi 950 rabsamuus himaniiru.

Waajjira Fayyaa godina Shawaa Lixaatti ogeessi ittisa dhibee busaa obbo Abaataa Argawuu gama isaaniin akka jedhanitti dhibee busaa ittisuuf hojii uummata hirmaachise hojjetamaa jirachuu himaniiru.

Hawaasni haala itti fayyadama Agoobaraa, qulqullina naannoofi bakkeewwan bishaan itti kuufamuufi hormaata bookee busaaf oolaan gogsuu irratti barnoonni hubannoo kennuu hojjetamaa turuu himaniiru.

Haga ammaatti mallattoon dhibeen kun bali'inaan muli'achuu godinicha keessa waan hin jirreef hojiin keemikaa bookee busaa biifuu hin hojjetamne jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015