Seenaa gootota Itoophiyaa dhaloota barsiisuun dhaloota biyya jaalatu oomishuun jabaatee itti fufa

Sadaasa 13/2015(TOI) - Seenaa gootota Itoophiyaa dhaloota barsiisuun dhaloota biyya jaalatu oomishuun jabaatee itti fufa jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee

Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Lidaatti Manni Barumsaafi Siidaan yaadannoo Letenaal Koloneel Abdiisaa Aagaa bifa haaraan ijaarame eebbifameera.

Sirna eebbichaa irratti maatiin, miseensoonni gootoota Itoophiyaa durii akkasumas keessummoonni biroo argamaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti “Seenaan gootummaa Letenaal Koloneel Abdiisaa Aagaa seenaa gootummaa Itoophiyaati.

Abdiisaa Aagaa gooticha Itoophiyaa sadarkaa Idil-Addunyaatti beekamu ta’ee osoo jiruu goota hanga isaaf ta’utti hin faarfamin tureedha” jedhan.

Letenaal Koloneel Abdiisaa Aagaarraa kan dhaallu kabaja alabaa biyyaatiif kutannoodhaan dhaabbachuu, harmee Itoophiyaa faayidaa kamiinuu dabarsanii laachuu diduu, dhiibbaa kamiiyyuu keessatti nuti Itoophiyaanoonni ummata hin jilbiiffanne ta’uu keenya qabatamaatti mirkaneessuu, bilisummaa fi harka kennachuu diduun agarsiistuu birmadummaa fi Itoophiyaanummaa keenyaa ta’uu isaati jedhaniiru.

Kabajni gootoota bara baraa aarsaa fi gootummaa isaanitiin biyya bilisaa fi birmadummaa ishee eeggatte akkasuams dhaloota harka hin kennanne nudhaalchisaniif haata’us jedhaniiru.

Aadde Adaanech sirna eebbaa kanarratti akka himanitti Seenaa gootota Itoophiyaa dhaloota barsiisuun dhaloota biyya jaalatu oomishuun jabaatee itti fufa jedhaniiru.

Seenaa gootota hojii boonsaa biyya isaaniif hojjetanii sirna barnootaa keessa galchuun dhaloonni akka irraa baratu taasisuun cinaatti maloota adda addaa fayyadamuu seenaa isaanii dhaloota barsiisun barbaachisaa ta'uus himaniiru.

Fakkenyummaa gootummaa isaaniin hordofuun dhaloota guddinaafi misooma biyyaaf hojjetu oomishuun barbaachisaa ta'uus himaniiru.

Bulchiinsi magaalichaas mana barnootaa bara 1965 letenaal Koloneel Abidisaa Aagaaf hojjetamee dullomee waan jijjigeef haaraa ijaarsiseera jedhaniiru.

Asumaanis siidaan yaaddannoo Abidiisaa Aagaa muli'isu dhaabuun dhaloonni akka seenaa isaarra baratuuf dhaabbachuufii himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015