Naannoo Kibbaatti sagantaan beeksisa maaddii Guutuu gaggeeffame

62

Sadaasa 13/2015(TOI)- Naannnoo Saboota, Sabalamootaafi Ummattoota Kibbaatti sagantaan beeksisa ‘Maaddii Guutuu’ Godina Halaabaatti gaggeeffame.

Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantii naannichaatti hogganaan Kilaastara Baadiyaa fi Biiroo Qonnaa Obbo Usmaan Surur, faayidaa beeksisa maddii guutuu ibisuu kanarratti, qabeenyaa umaamaa naannichaatti fayyadamuun, fayyadamumaa hawaasa guddisuun barbachisaa akka ta’e eeraniiru.

Sanyii beeylaadaa naannichaatti argamanii fooyyessuun oomishtummaa aannanii guddisuun murteessaa ta’u himaniiru.

Haga ammaattis naannichatti giddugaleessaan oomishtummaa aannanii liitiraa 14-38 guddisuun akka danda’ame eeraniiru.

Saganticharratti Pireezidaantiin Naannoo Kibbaa Obbo Riistuu Yirdaa, Hogganaa Waajjiraa Paartii Badhaadhinaa Damee Kibbaa Obbo Xilaahuun Kabbadaa fi hoggantoonni olaanoo naannicha biroon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015