Tamsaasa Kallatti:

Dippilomaatonni faayidaa fi birmadummaa biyyaa dursuun hojjechuu qabu-muummee ministiraa duraanii Hayilamaaram Dassaaleny

Sadaasa 10 /2015(TOI) Dippilomaatonni faayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa biyyaa dursuun hojjechuu akka qaban muummeen ministiraa duraanii Hayilamaaram Dassaaleny ibsan

Leenjiin ministeerri dhimma alaa dippilomaatotaaf akkaadaamii hoggansaa Afriikaatti kennu har’a guyyaa 15ffaa qabateera.

Muummeen ministiraa duraanii Hayilamaaram Dassaaleny waltajjii kanarratti faayidaa biyyaalessaa, birmadummaa fi hariiroo alaa gama ilaaluun dippilomaatotaaf ibsa kennaniiru.

Sirna siyaasaa addunyaa jijjiiramaa deemu keessatti dameen dippilomaasii baay’ee olaanaa ta’uu kaasanii, kanas hariiroo alaa yeroo waliin deemu gabbisuun hojechuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Haala qabatamaa siyaasa addunyaa, dinagdee fi dippilomaasii sochii Itiyoophiyaan amma itti jirtuun walitti hidhuun ibsa kan taasisan ob. hayilamaaram, dippilomaatonni ga’ee olaanaa damee kanaan qaban hubachuun hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Haala kanaan dippilomaatonni faayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa biyyaa dursuun hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015