Wal jijjiirraa daldalaa Itiyoophiyaa fi Paakiistaan gara doolaara miiliyoona 300tti guddisuuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Wal jijjiirraa daldalaa Itiyoophiyaa fi Paakiistaan gara doolaara miiliyoona 300tti guddisuuf hojjetamaa jira
Sadaasa 8/2015 (TOI) Itiyoophiyaa fi Paakiistaan wal jijjiirraa daldalaa kan waggaa gara doolaara miiliyoona 300tti guddisuuf waliin hojjechaa akka jiran Paakistaanitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Jamaal Bakar Abdullaahii ibsan.
Ambaasaaddar Jamaal kaleessa magaalaa Kaaraachii Kilabii Pireesiitti gaazexessootaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, wal jijjiirraan daldalaa Itoiyoophiyaa fi Paakiistaan amma jiru waggaatti doolaara miiliyoona 7 amma 8 kan caalu miti.
Lakkoofsa kana gara doolaara miiliyoona 300tti guddisuuf biyyoonni lamaan galma guddaa kaawwachuun sochii jalqabaniiru jechuusaanii ze eksipirees Tiriibuun paakistaan qabatee ba’eeras.
Kanaaf akka gargaaru baatii dhufuu kaasee daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa balallii kallattii gara Kaaraachiitti kan jalqabu yoo ta’u, biyyoota lamaan jidduutti ammoo tajaajila baankii idilee diriirsuuf karoorfamuusaa ambaasaaddar Jamaal himaniiru.
Paakiistaan biyyoota addunyaa baala shaayee fichisiisan 10 keessaa ishee tokko ta’uu ambaasaaddar Jamaakl dubbataniiru.
Kun ammoo addunyaarratti bunaa fi shaayee qulqullina olaanaa qabu kan oomishtu Itiyoophiyaa waliin walitti hidhiinsa daldalaa cimsuuf milkii gaarii kan uumudha jedhaniiru.
Gama biraatiin Paakistaan oomishoota faarmaatiiyukaalii fi meeshaalee yaalaa bal’inaan gara Itiyoophiyaatti akka ergitu ambaasaaddar Jamaal ibsaniiru.
Itti dabaluunis, biyyoonni lamaan dame qonnaatiin waliin hojjechuuf fedhii akka qaban himanii, gama teekinooloojii, hojii kalaqaa fi dhiibbaa jijjiiramni haala qilleensaa geessisu waliin qolachuuf walitti dhihaatanii hojjechuu qabu jedhaniiru ambaasaaddar Jamaal.
Kaaraachiitti qonsiilaa jeneraalli Itiyoophiyaa Ibraahiim Kaaliid Tawaab gama isaaniitiin baatiiwwan lamaa fi sadan dhufan Paakiistaan Itiyoophiyaatti Daamee baankii akka bantu eeraniiru.
Kana milkeessuuf baankiilee dhuunfaa Paakiistaan waliin mariin taasifamaa akka jiru beeksisaniiru.
Qonsiilaa jeneraalichi kanaan wal qabsiisuun Itiyoophiyaa fi Paakiistaan daldalaan alatti hariiroo gama damee tuuriizimii fi teekinooloojii qaban cimsuuf xiyyeeffatanii hojjechaa jiru.
Hariiroon dippilomaasii biyyoota lamaanii waggoota 64 kan lakkoofsise yoo ta’u, Itiyoophiyaan jalqaba waggaa Faranjootaa jalqabametti embaasii Islaamaabaaditti banuunshee ni yaadatama.