Baankiin Misooma Itoophiyaa dhaabbilee fayyaa tajaajila wal’aansaa sadarkaa 3ffaa kennaniif liqii kennuu jalqabuufi.

218

Sadaasa 07/2015(TOI) - Baankiin Misooma Itoophiyaa dhaabbilee fayyaa tajaajila wal’aansaa baasii guddaa gaafataniifi biyyoota alaatti kennaman, tajaajila yaala fayyaa sadarkaa 3ffaa biyya keessatti kennuu danda’aniif tajaajila liqii kennuu eegaluuf ta’uu beeksiseera.

Hospitaalli sadarkaa 3ffaa ( Tertiary level ) meeshaalee ammayyaan deeggaramuun tajaajila yaala fayyaa guutuu kan kennu yoo ta’u, dhukkubsattoota riifariin hospitaalota sadarkaa 1ffaafi 2ffaarraa ergamaniif tajaajila fayyaa kan kennus jedhameera.

Pireezidaantiin Baankii Misooma Itoophiyaa Dr. Yohaannis Ayyaalew, baankichi dhaabbilee fayyaa yaala fayyaa biyyoota alaatti kennaman biyya keessatti kennuu danda’an deeggaruuf qophii ta’uu himaniiru.

Damichaan qaamoleen deeggarsa gaafatan jiraachuufi pirojekticha baatiiwwan arfan dhufanitti raggaasisuuf karoorfamuu Dr Yohaannis eeraniiru.

Dabalataanis, baankiichi pirojektoota qindaa'aa Qonnaa deeggaruuf karoorsee hojii jalqabuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015