Ministirri Muummeen doktar FDRI Abiy Ahimad gaaffilee Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaateef deebii laachaa jiru.

73

Sadaasa 6/2015(TOI) - Yaa’ii Idilee 4ffaa bara hojii 2ffaa Mana Maree Bakka bu’oota Ummataa taa’amaa jiru irratti gaaffilee gara garaa Miseensota mana marichaa irraa Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimadiif dhiyaataniiru.

Miseensoonni Mana maree bakka bu'oota uummataa gaaffiwwan dhimmoota hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa irratti xiyyeeffatan bali'inaan gaafataniiru.

Gaaffiwwan miseensoota mana maree irraa dhiyaatan irrattis Ministirri Muummee FDRI Abiy Ahimad ibsaa fi deebii laataa jiru.Waggootan darban diinagdee biyyattii qormaanni guddaan muudachuu doktar Abiy Himaniiru.

Qormaatichi qormaata idil addunyaa, biyya keessaa, namtochee fi uumamaan ta'uu himanii, qormaatilee kanneenis dandamachuun ce’uun danda’ameera.

Baajanni waliigalaa Itoophitaa xumura bara baajataa 2014 Doolaara biiliyoona 126.7 ga’eera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015