Tapha Piriimerliigi Beetikiingi torbee 7ffaan taphoonni hafan yeroo hin murteeffamneef dheeratan

105

Sadaasa 3/2015 (TOI) – Tapha Piriimer Liigii Beetkiingi torbee 7ffaan taphoonni 4 yeroo hin murtoofneef dheereffamuun ibsame.

Taphoonni kunneenis, haala qilleensaa Dirree Dhawaan dirreen taphaa mijataa waan hintaaneef yeroo hinmurtoofneef dheeraachuun eerameera.

Haaluma kanaan, har’aa fi boru taphoonni gaggeeffaman, har’a sa’aatii 10:00tti, Magaalaan Arbaaminci Baahirdaar waliin, sa’aatii 01:00tti Haadiyyaa Hoosaa’inaa Faasiil waliin akkasumaas, boruu taphoonni gaggeeffaman sa’aatii 10:00’tti Magaalaan Adaamaa Buna Itoophiyaa waliin, sa’aatii 01:00tti Laga Xaafoo Lagaa Daadhiin Walaayittaa Diichaa waliin taphoonni gaggeessuuf turan dheerachuu Waldaan Aksiyoonaa Liigichaa beeksiseera.

Taphoonni kun haala qillensaa Dirre Dhawaa jiru guyyoota itti aananitti ilaalamuun murteen itti aanu ni laatama jedheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015