Guyyaan dargaggoota Afrikaa 16ffaan Yuunivarsiitii Arbaamiincitti kabajamaa jira.

119

Sadaasa 1/2015(TO) - Guyyaan dargaggoota Afrikaa 16ffaan mata duree ''Hirmaa si'agataa dargaggootaafi hirmaatummaa namoomaa'' jedhuun Yuunivarsiitii Arbaamiincitti kabajamaa jira.

Sagantaa kanarratti Ministeera Dhimma dubartootaafi hawaasummaatti itti gafatamaan damee hirmaanna dargaggootaafi ijaarsa humnaa Kuraa Jamaanee akka TOItti himanitti, kabaja guyyaa kanarratti waraqaan qorannoo ''Barnootaafi hirmatummaa namoomaa dargootaa'' jedhuu dhihaachuun irratti ni mariyatama.

Hirmaanaa si'ataa dargaggootaa mirkaneesuuf guddisuuf daraggoonni gama isaaniin gahee isaanirraa eeggamu bahuu akka qaban himaniiru. Kun akka mirkanaa'uuf immoo hirmanaa qaamolee qodaa fudhatootaa murteessaa ta'uu himaniiru.

Sagantaa kanarratti Ministirri dhimma dubartootafi hawaasumma doktar Ergoogee Tasfaayee fi Ministirri Barnootaa piroofesar Biraanuu Naggaa akkasuma hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoo uummatoota kibbaa biroon hirmaataniiru.

Akkasumas bakka bu'oonni Gamtaa Afrikaa, Miseensoonni mana maree bakka bu'oota uummataa, bartootaa yuunivarsiitii Arbaamiinci, manguddoo biyyaa Gaamoo akkasuma roogeeyyiin hirmaataniiru.

Sagantaa kanas Ministeeraa dhimma dubartootaafi hawaasummaafi Yuunivarsiitii Arbaaminicitu waliin qopheesse.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015