Tamsaasa Kallatti:

Birrii biliyoona 2 kan ijaaramaa ture daandiin aspaaltii fi riqichi Alii - Waabee xumurame.

Onkoloolessa 30/2015(TOI) - Birrii biliyoona 2 kan ijaaramaa ture daandiin aspaaltii fi riqichi Alii - Waabee xumuramuu Bulchiinsi daandiwaanii Itoophiyaa beeksise.

Daandiin birrii biliyoona lamaafi miliyoonaa shantamii sadii oliin mootummaa Fedraalaan ijaarame kun dheerina kiilomeetira 56.5 qaba.

Hoji geggeessaan waajjira pirojeektota naannawaa Baalee Roobee injinaar Kadir Raadii pirojeektichi ijaarsa riqichoota 4 fi hijii cimaa kutanii darbuu yeroo kaa'ameef keessatti xumurameera jedhaniiru.

Ijaarsi daandiifi riqichoota kanaa xumuramuun oomishaalee akka qamadii, garbuufi fuduraalee naannoo kanatti oomishan bali'inaan karaa salphaa gabaa jiddugaleessaatti dhiheessuuf bu'aa olaanoo qabu jedhaniiru.

Dabalataanis daandichi magaaloota akka Roobee, Alii fi Waabee dhiheentaan wal qunnamsiisuun, bakkeewwan gahumsa turizimii Soofumar, Saannateefi Dinshoo turistoota daawachuu dhufaniif haala kan mijeesudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015