Lammiilee waraanaan miidhamaniif sagantaan galii walitti qabu Ameerikaatti gaggeeffamuuf

75

Onkololeessa 29/2015(TOI)– Sababa waraanaatiin lammiilee miidhaman deebisanii dandamachiisuuf kan oolu sagantaan galii walitti qabuu Sanbata dhufu Ameerikaatti akka gaggeeffamu ibsame.

Sagantichi, “Waamicha biyyaaf deebii lammummaa” mata duree jedhuun Embaasii Itooophiyaa Waashingitan jirutti kan gaggeeffamu ta’uu Koreen Waashingitan ibseera.

Ityoophiyaanonni fi dhalattoonni Ityoophiyaa sababa waraanaatiin lammiilee deeggarsa namoomaa barbaachisuun deeggarsaa taasisuuf ittigaafatama isaanii bahachuu akka qaban eeraniiru.

Saganticha irratti Itoophiyaanonni qaamaan argamuu hindandeenye miseensonni hawaasaa, gama lakkoofsa herreegaa Baankii Daldalaa Itoophiyaa Ministeera Maallaqaan baname 1000439142786 fi malaa galii walitti qabuu oonlaayinii “Ayizoon Itoophiyaa’ jedhuun deeggarsa taasisuu akka danda’an eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015