Alii Birraa sagalee tokkummaa, walqixummaafi obbolummaa dhugaati - Obbo Shimallis Abidiisaa

84

Onkoloolessa 29/2015(TOI) - Doktarri kabajaa artisti Alii Birraa sagalee tokkommaa, walqixummaafi obbolummaa dhugaati jedhan Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abidiisaa.

Sirni geggeessaa reeffaa doktar kabajaa artisti Alii Birraa addabaabay Michummaatti geggeeffameera.

Pireezidaanti Shimallis sirna geeggeessaa kanarratti argamuun haasaa taasisaniin Alii Birraan hojii muuziqaa isaan uummata Itoophiyaa kan walitti fide artistii jabaadha biyya isaa jaalatu, goota,gara laafessa ture jedhaniiru.

Barnoonni hundaa bira akka gahuufi dhaloonni akka baratu hojii oguummaa isaan gahee olaanaa nama bahe ta'uu isaanis himaniiru.

Sodaa tokko malee tokkummaa uummataaf nama dhaabbate ta'uu himanii, Aliin lubbun nu waliin jiraachuu baatus hojiin isa barbaraan nu waliin kan turudha jedhaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa yaadannoo artisti Alii Birraaf kan ooluu hojiiwwan adda addaa kan hojjetu ta'uus himaniiru.

Du'aan boqochuu isaafis uummata Itoophiyaa maraaf jajjabina hawwaaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015