Alii Birraan galaanaa aartii keessaa nama ogummicha waraabee ummataan gaheedha

84

Onkoloolessa 29/2015(TOI) - Doktarri Kabajaa Alii Birraan aartiin galaana ta’uutti kan amanu, galaana aartii keessa ogummaa jiru waraabee ummataan nama gaheedha jechuun Waldaan Muuziqeessitoota Ityoophiyaa beeksise.

Sirni gaggeessaa Artisti Alii Birraa Addabaabayii Michummaatti gaggeeffamaa jira.

Sirna gaggeessa kanarratti Pireziaantiin Waldaa Muziqeessitoota Itoophiyaa Doktara Kabajaa Daawwit Yifruu haasawaa taasisaniin, Alii Birraa ‘Aartiin Galaanaa’ jedhee kan amanuufi galaana keessaa baasanii ummataan ga’uun tattaaffii barbaachisaa jedhee nama amanuu ta’uu ibsaniiru.

Kanaanis Artisti Alii Birraa dhuunfaan nama waggoota 60 ol galanaa aartii keessa cuunfee baasee ummataan gaheedha jedhan.

Kana malees, ogummaan Itoophiyaa hangam akka ta’ee argisiiseera jedhanii, Artistoota keessumaa dargaggootaaf daandii argisiisuun ogummaan akkamiin akka dhiyaatu nama barsiise ta’uu ibsaniiru.

Bara jireenyasaatti wareegama ogummaaf kafaluun Itoophiyaafis ta’e Oromoof oolmaa guddaa nama oole ta’uu kaasaniiru.

Alii Birraa darbus, hojiileensaa waan hindabarreef hojiileesaa dhalootaaf dabarsuun gahee keenya jedhaniiru.

Pirezdaantiin Waldaa Muuziqeessitoota Oromoo Artist Tsaggaayee Dandanaa gamasaaniin Alii Birraan Artii Itoophiyaaf Abbaa ta’uufi Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti beeksisuu ibseera.

Alii Birraan ilmi namaa dhalatee waan hojjechuu qabu hojjeteera kan jedhan Artisti Tsaggaayeen Artist Alii Birraan tokkummaafi jaalala barsiisuun, hundi jaalala Aliirraa barachuu qaba jedheera.

Artist Alii Birraan artistoota Oromoo hedduuf daandii saaquu kaasuun, artistoota Oromoo biroo jajjabeessaa turuu eereera.

Sirboonnisaa walitti qabamanii Gola Hambaa keessa akka ol kaa’amanii gaafateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015