Mootummaan balaa Xiyyaaraa Taanzaaniyaatti qaqabeen miidhaa qaqqabetti gadduu ibse.

70

Onkoloolessa 28/2015(TOI) - Mootummaan Itoophiyaa Taanzaaniyaatti xiyyaarri imaaltoota fe'ee deemu horoo Viktooriyaa keessaatti kufuun balaa imaaltootarra gaheef gadduu beeksiseera.

Minsteerri dhimma alaa dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen Mootummaa Tanzaaniyaafi Uummataa Tanzaaniyaaf gadda isaa ibseera.

Balaa kanaan lammilee lubbuu isaanii dhabaniif gadduu ibsee, maatii, firootaafi aantii isaaniif jajjabina haweera. Kanneen balaa kanaan miidhamanis dafanii akka miidhaa isaanirra bayyanatan hawwii qabu ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015